Kolleejjiin Sanshaayiin Barattoota ogummaa Fayyaadhan Barsiisa ture Ebbisise
Adoolessaa 12/2017, Naqamtee
Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti Kolleejjiin Sanshaayin barattoota ogummaa fayyaan waggaa lamaafi walakkaaf leenjisaa ture marsaa jalqabaaf sirna ho'aadhaan eebbisiisee jira.
Kollejjiin Fayyaa Sanshaayin bara 2015 hayyootaa fi beektotaa hojii baruufi barsisuu akkasumas qo’annoofi qorannoo adda addaan dandeeetifi muxannoo ga’a qabaniin kan hundaa’e dha. Kolleejjichis beekamtii guutuu Abbaa Taayitaa Barnoota fi Leenjii Federalaa akkasumaas Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa irraa eeyyama argateen; bara 2015 barattoota digirii 2ffaa 40, barattoota digirii jalqabaa 300, fi TVET (Gulantaa 4ffaa) 50 — walumaa galatti barattoota 490’n hojii baruu fi barsiisuu isaa jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa kana barattoota 1,600 ol simate barsiisaa jira.
Sirna eebba barattootaa kanarrattis argamuun ergaa kan dabarsan Hojii gaggessaa Ol’aanaa fi Walitti qaban Boordii Kollejjichaa Dr. Olaanaa Tarrafaa akka jedhanitti Kolleejjichi hundeeffamasaa yeroo muraasa keessatti barattoota muummeewwan fayyaa adda addaa Digirii 2ffaan: MPH in Human Nutrition, Digirii Jalqaba: Faarmaasii, Narsiingii fi Qondalaa fayyaa Hawaasaa (Public health officer) fi Sagantaa BLTO dhan Faarmaasii, Narsiingii fi Medical Laboratoriin barsiisaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’as leenjisee kan gahoomse marsaa jalqabaf barattoota 42 eebbisiisaa jiraachuu fi kanneen keessaa dhibeentaa 75% ol qormaata ga;umsaa ogummaa (COC) kan milka’an ta’u himanii jiru. Itti dabaluunis kolleejjiin Sanshaayin hojiilee tola ooltummaa adda addarratti himaachuudhaan aantummaa uummatummaasaa kan agarsiisaa jiru ta'uu himanii, barattoota eebbifamaniinis ogummaafi dandeettii horattaniin gara laafummaafi naamusaan hawaasa keessan tajaajiluu qabdu erga jedhanii booda, eebbifamtootaan baga gammaddan jechuun hawwii qaban ibsaniiru.
Itti aanaan hogganaa Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obboo Tamasgeen Mirressaa gamasaniitiin ergaa dabarsaniin mootummaan keenya barnoota irratti xiyyeeffatee akkuma hojjechaa jiru keessattuu hawaasa fayya buleessa horachuuf dhaabbilee barnootaa fayyaa babal'isuun gama fayyaatiin humna nama baratee horachuun dhukkuboota dursanii ittisuurraatti xiyyeefatee hojjechaa akka jiru himuun, injifannoowwan mootumman keenya gama hundaan galmeessaa jiru tiksuufi kunuunfachuun hunda keenyarraa eegama jedhanii, ogummaa gonfattaniin rakkoo fayyaa hawaasa keessanii furuu keessatti imaanaa dachaa isinitti kenname ga'umsaan bahuu qabdus jechuun dhaamaniiru.
Barattootni eebbifamanis sirna kakuu raawwatanii jiru.
Xumurarrattis barattoota qabxii ol’aanaa fidaniif sirni beekamtii fi badhaasaa kennamuun barattoota qaxalee akka kolleejjichatti sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif carraan barnoota bilisaa kennamun sagantaan eebbichaa goolabameera.