Written by Super User
Hits: 15
graduation 202613Bitootessa 19, 2018 (FM Faanaa Naqamtee 96.1) - Koolleejjiin Sanshaayin Kaampaasii Naqamtee Barattoota 198 Muummeewwaan Fayyaa Garaagaraatiin Barsiisaa Ture Guyyaa Har'aa Eebbisiisee Jira.
Kolleejjichi mparsaa 2ffaaf kan eebbisiise yoo ta'u, marsaa kanaan barattoota digirii 2ffaa 'Masters of public health in human nutrition' dhaan barattoota 48, akkasumas ogummaa Faarmaasii gulantaa IV n barattoota 102 fi Ogummaa Narsiingii gulantaa IV'n barattoota 48 Waggoota Lama oliif leenji'aa kan turan eebbisiiseera.
Walumaa galatti barattoota 198, dhiira 96 fi dhalaa 102, eebbisiisee jira.
Hoji geggeessaa olaanaafi Walitti qabaa boordii Kollejjii Sanshaayin kan ta'an Doktar Olaanaa Tarrafaa haasaa taasisaniin koollejjichi bara 2050tti dhaabbilee barnoota olaanoo qulqullinaan barnoota kennan keessaa akka gaanfa Afriikaatti tokko ta'uu" jedhu qabatee kan hundaa'e waan ta'eef barnoota qulqullina qabu kennuurratti kan argamuu ta'uu himanii jiru.
I/Aanaan Kantiibaa Magaalaa Naqamtee Obbo Tamasgeen mirreessas eebbifamtootaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniin yeroon ammaa kun daa'imanii hanga nama guddaatti lammiileen keenya dhibeen adda addaa faca'ee jiru waan ta'eef hojii guddaan kan isin eegu ta'uu hubattanii yeroo eebbifamtan itti gaafatamummaa keessan amanamummaafi kutannoon akka bahattan imaanaa isinitti laanna jedhan.
Barattootni eebbifamanii jiranis bu'aa dadhabbii keenyaa har'a arguu keenyaaf gammachuu guddaatu nutti dhagahama jedhan. Kanaan boodas Kallattii baranneen imaanaa nutti kenname amanamummaan bahachuuf qophoofnee jirra jedhaniiru.
Category: